Skip to main content

Shiga summii oomishu E. coli O157:H7 Infeekshinii Daa’imman, Dargaggoota, fi Ga'eessota Hawaasa Baha Afrikaa Kiing Kaawuntii Keessaa ― Kan Maddi Hin Beekamne

Ilaalcha tokkoon
Namoonni qabaman mirkanaa’e 8
Haalota Ta’uu Danda’an 0
Daangaa umrii Ji’a 11 hanga waggaa 35tti (dhimoon 5 kanneen umriin isaanii waggaa 15 gadi ta’e irratti mul’atan)
Daangaan guyyaa gabaafame Mudde 31, 2021 – Hagayya 18, 2022
Hospitaala kan ciisan 6

Kan Fooya’ee Mudde 5, 2022


Cuunfaa

Fayyaan Hawaasaa weerara summii Shigaa oomishuuf [E.coli] (STEC] jedhamuunis beekamuun) namoonni 8 Kiing Kaawuntii keessatti qabamuu isaanii qoratee jira. Tokko malee hundi isaanii erga ji'a Waxabajjii 26, 2022 irraa eegalee kan gabaafamaniidha. Namoonni vaayirasichaan qabaman hundi namoota hawaasa baha Afriikaa irraa dhufan keessaa turan.

Namoonni dhukkubsatan harki caalaan isaanii yeroo saaxilamanitti foon re'ee fi foon loonii kan daakame dabalatee foon gosa hedduu nyaachuu isaanii himanii jiru.

Dhimmoonni hundi bu'aa ashaaraa qubaa (tartiiba jiinooma guutuu) kan gosa jeneetikii walfakkaataa qabaachuu isaanii agarsiisuun kan walqabate yoo ta'u, kunis madda infekshinii waliinii qabaachuu hin oolan jechuudha.

Dhukkuboota

Namoonni hundi mallattoolee [STEC] wajjin walsimu kanneen akka garaa kaasaa/baasaa (yeroo baay'ee dhiigaa qabu), garaa muraa, ol nama jechuu/lolocuu fi haqisiisuu agarsiisanii jiru. Namoota dhibee kanaan qabaman keessaa tokko malee hundi isaanii Waxabajjii 20 irraa eegalee hanga Hagaya 17, 2022 tti dhukkubnni jalqabee jira. Namni dabalataa tokko WGSn adda baafamee Muddee 2021 jalqabe. Ijoolleen sadii gosa rakkoo tiruu kan hemolytic uremic syndrome (HUS) jedhamu qaban. Namoonni hundi fayyaniiru.

Tarkaanfiiwwan Fayyaa Hawaasaa

Fayyaan Hawaasaa namoota STEC dhukkubsatan ykn warra/guddistoota isaanii waliin af-gaaffii gaggeesssudhaan saaxilamummaa waliigalaa kamiyyuu addaan baasuu fi babal'ina dabalataa ittisuuf qajeelfama kennuun gargaarsa kennee jira.

Qorannoo dabalataa xumuruuf, dhimmoota walqabatan kaawuntii biroo keessatti addaan baasuuf, akkasumas oomishaalee walfakkaatan hordofuu jalqabuuf Kutaa Qajeelcha Fayyaa naannoo Waashingitan waliin hojjennee jirra.

Akkasumas waa'ee weerara kanaa fi akkaataa ittisa dhukkuba dabalataa ittisuun danda'amu irratti odeeffannoo fi qajeelfama waliin qooduuf michoota hawaasaa waliin walitti dhiyeenyaan hojjenne jirra.

Qorannoon madda dhukkuboota kanaa xumurameera. Akka qaama qorannoo kanaatti hojjettoonni Fayyaa Hawaasaa dhaabbilee nyaataa hedduu namoonni STECn qabaman n guyyoota dhukkuba kanaan dura nyaata irraa bitachuu isaanii kaasanii turan irratti sakatta'iinsa dachaa gaggeessanii jiru. Yeroo qorannaa kanaa hojjattoonni Fayyaa Hawaasaa waa'ee ittisa tatamsa'ina E. coli irratti barnoota kan kennan yoo ta'u, hoggansi bakka qophii nyaataa guutummaatti qulqulleessuu fi qulqullina guutuu akka gaggeessan qajeelfama kennanii jiru.

Ergaa Fayyaa Hawaasaa

Foon qalamaa (hin bilchaanne) kan akka foon loonii, re'ee, fi hoolaa yeroo tokko tokko jarmii akka STEC kan qaban yoo ta'u, kanaan duras weerara dhukkubaa waliin walqabatee ture. STEC irraa akka hin dhukkubsneef tarkaanfiwwan nageeya nyaataa afran kana hordofaa.

  • Qulqulleessuu: Harka keessan, meeshaalee, fi gubbaawwan nyaata irratti hojjatan yeroo baay'ee dhiqu. Fuduraalee fi kuduraalee nyaachuu, muruu ykn quncisuu dura bishaan yaa'u jalatti dhiquu.
  • Addaan baasuu: Nyaata hin bilchoofne foon dheedhii, foon hindaanqoo fi nyaata galaanaa irraa addaan baasanii kaa'uu.
  • Bilcheessuu: Nyaata keessan ho'a olka'aa jarmii ajjeesuu danda'utti bilcheessaa akka jirtan mirkaneeffachuuf safartuu ho'a nyaataa fayyadamaa.
  • Dilalleessuu: Nyaata ala yoo taa'e baduu danda'u sa'aatii 2 keessatti friijii keessa kaa'uu. Nyyaanni sun ho'a 90°F (akka konkolaataa oo'aa ykn pikniikii) yoo saaxilamne, sa'aatii 1 keessatti friijii keessa kaa'aa. Nyaata kaawuntarii irratti otoo hin taane firijii keessatti qabbaneessaa.

Yoo isin ykn daaimni keessan dhukkubni isinitti dhagayame ykn garaa kaasaan/baasaam dhiigaan walmakaa ta'e kan guyyaa 3 ol ture ykn oo'aa qaamaa cimaa ta'e ykn hir'ina fincaanii yoo qabaattan qorannoo STEC gochuun barbaachisaa ta'uu isaa ilaaluudhaaf oogeessa fayyaa keessanii quunnamaa.

Dhukkubni kun namoota dhukkuba hamaa ykn lubbuu namaa balaa irra buusuuf saaxilaman irratti akka hin babal'anne mirkaneessuu barbaanna. Ijoolleen mallattoon dhukkuba kanaa qaban kunuunsa daa'immanii ykn mana barumsaa duraa dhaquu hin qaban. Namoonni dhukkubsatan kaan tajaajila nyaataa, kunuunsa fayyaa ykn bakka kunuunsa daa'immanii hojjiidhaaf bakkeewwan kana deemuu hin qaban. Fayyaan Hawaasaa gara hojiitti, kunuunsa daa'immanii ykn mana barumsaa duraatti osoo hin deebi'iin dura namoota birootti akka hin daddabarsine mirkaneessuuf qorannoo dabalataa akka gootan isin gargaara.

Qorannoo laaboraatoorii

Namoonni vaayirasichaan qabaman hundi qorannoo mirkaneessaa karaa aadaatiin E. coli O157:H7 tiin qabamuu isaanii kan agarsiisuudha.

Laboratorii Fayyaa Uummataa Kutaa Waashingtan keessatti namoonni dhukkubsatan hundi gosa STEC walfakkaataa kan qaban yoo ta'u, kunis ashaaraa qubaa jeneetikii (tartiiba jiinoomii guutuu ykn WGS) irratti hundaa'uudhaan.

expand_less